Fana: At a Speed of Life!

Yaalii mootummaa ce’umsaa Sudaan diiguuf taasiifamu kan balaalleffatu ta’uu IGAD beeksiise

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Yaalii mootummaa ce’umsaa Sudaan diiguuf taasiifamu kamiiyyuu kan balaalleffatu ta’uu Mootummoonni Misooma Bahaa Afrikaa ‘IGAD’ beeksise.

Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa haala yeroo Sudaanirratti ibsa kennaniiru.

Barreessaa olaanaa dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo haalli siyaasaa biyyattii yaaddessaa ta’uu ibsuun, jeequmsi siyaasaa uumame furmaata akka argatuuf dhiyeenyatti hordofaa jiraachuu eeraniiru.

Sosochii mootummaa ce’umsaa Sudaan dadhabsiisuuf taasifamu kan mormu ta’uu ibseera.

Dhaabbatichi mootummaa ce’umsaa Sudaan kan deeggaru, nageenya uummataa fi diimokiraasii cimsuuf qophii ta’uu ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa IGAD irraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.