Fana: At a Speed of Life!

Jibuutii fi Oromiyaan hariiroo misoomaa fi diinagdee waloo cimsuuf hojjechaa jiru

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Jibuutii fi naannoon Oromiyaa hariiroo misoomaa fi diinagdee waloo cimsuuf hojjechaa jiru.

Jilli Mana Maree Daldalaa Jibuutiin duurfamu daawwii hojii guyyootii sadiitif Finfinnee galeera.

Preezdaantiin mana marichaa obbo Yusuuf Musaan jilicha hogganuudhan Finfinnee galaniiru.

Sadarkaa itti aantuu preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessituun kilaastara diinagdee aadde Caaltuu Saaniin jilicha simachuun mariisisaniiru.

Jilli Jibuutii kun paarkiwwan indaastirii naannoo Oromiyaa keessatti argamanii fi hojiilee misoomaa addaddaa kan daawwatu ta’uu OBN gabaasera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.