Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiin nageenyaa fi tokkummaa Ityoophiyaaf deeggarsa ni taasifti- preezdaant Ismaa’eel Omaar Gillee

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)-Guyyaa har’a daawwannaa hojiif Jibuutii kan gala preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee  preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Omaar Gillee waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin preezdaantii Saahilawarq Jibuutiin Ityoophiyaatti duulaa olaantummaa seeraa kabachiisu gaggeeffama jiruuf biyyoota hunda dursuun deebii garii laatteef galateeffataniiru.

Preezdaant Saahilawarq mootummaan Ityoophiyaa Tigraayiitti duula olaantummaa seeraa kabachisuuf taasiseerraatti ibsa laataniiru.

Uummanni Tigraay raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabbachuun fedhi nageenyaa qabachuusaa ragaa ba’eera jedhan.

Preezdaant Ismaa’eel Omaar Gillee gama isaaniitin mootummaan Ityoophiyaa duula naannoo Tigraayitti gaggeessen injifannoo gonfateen ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Preezdaant Ismaa’eel Omaar Gillee, Jibuutii waliin dhiigaan, aadaa fi qabeenyaa biyyaa keessaa kan walitti hidhamtee Ityoophiyaan ‘tokkummaa fi nageenyaasheef deeggarsa akka taasisaan ibsaniiru.

Akka EBCtti preezdaantoonni lamaan loliichi erga xumuramee booda dhimmoota  ijaarsi biyyaa jiru maal fakkataa fi ummattoota giddutti nagaa buusuu fi guddina fiduu dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.