Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraa noottii Birrii bu’aa qabeessa ta’e taasiisuu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Jijjiirraa noottii Birrii bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiseera.
Baankichi jijjiirraan noottii Birrii karaa bu’aa qabeessa ta’een xummuramuu hordofee sagantaa galateeffannaa gaggeesseera.
Jijjiirraan kun rakkoo diinagdee fi dhiibbaa Idaa kan salphise ta’uu ibsameera.
Jijjiirricha hordofee hanga Eebila walakkaatti lammiileen miiliyoonni 7.2 lakkoofsa herreega Baankii banachuu himameera.
Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 26 ol gara sirna baankii galuu ibsameera.
Birrii haaraan biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 85 raabsamuu eerameera.
Qaamolee jijjiirraa nootichaa keessatti qooda olaanaa ba’aniif sagantaa beekkamtii fi galateeffachuu qophaa’e kanarratti qooda fudhattoonni garaagaraa argamamaniiru.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.