Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan noottii Muddee 6 xumurama-Baankii Biyyooleessa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Jijjiirraan Birrii moofaa Muddee 6, 2013 akka xumuramu Baankiin Biyyooleessaa beeksise.
Baatii Fulbaana 6, 2013 irraa eegalee Birrii moofaan gara noottii haaraatti jijjiirraama jiraachuu baankiichi yaadachiseera.
Jijjiirraan noottii kunis baatiwwan 3 keessaatti akka xumuramuuf murteessuu isaa ni yaadatama.
Hanga ammattis adeemsii jijjiirraa noottii bifa milkii qabuun raawwatamu baankichi ibsa baaseen eereera.
Ta’us Birrii moofaa gara noottii haaraatti jijjiiruuf guyyaan xumuraasaa Muddee 6, 2013 ta’u ibsameera.
Yeroo xumura kanaaf guyyoonni 25 qofti hafuu kan ibse baankichi, guyyoota hafan keessaatti Birriin hin jijjiiramne akka jijjiirramuu fi adeemsicha ariifachiisuuf Sadaasa 22, 2013 hanga Muddee 6, 2013 guyyoota 15 keessaatti Birrii moofaan bittaa fi gurgurtaa gaggeessuun akka hin danda’amne ibseera.
Guyyoota 15 kana keessaatti namni Birrii moofaa gara baankii deemuun noottii haaraatti jijjiiruu akka danda’u baankichi ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.