Fana: At a Speed of Life!

Jila Atileetiksii Ityoophiyaaf simannaan daandiirraa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Jila garee Atileetiksii Ityoophiyaa shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti sadarkaa 3ffaa bahuun xumureef simannaan daandiirraa gaggeeffamaa jira.

Jilichi guyyaa kaleessaa wayita Finfinnee galu simannaa ho’aan taasifameefiira.

Jilichi har’a ganama sa’aatii 1:30 irraa eegalee Hoteela Iskaay Laayitii ka’uun daandii ijoo magaalaa Finfinnee keessa naanna’uun baga gammaddan jechaa jiraachuu ibsameera.

Dabalataanis jila garichaaf Hoteela Iskaay Laayititti sagantaan badhaasaafi beekamtii kan taasifamu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.