Fana: At a Speed of Life!

Jila garee Atileetiksii Ityoophiyaaf sagantaan badhaasaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Jila garee Atileetiksii Ityoophiyaaf sagantaan badhaasaa fi beekamtii Hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Afyaa’iin Mana Maree Federaashinii obbo Agganyaw Tashaagar, Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluufi hogganoonni olaanoon federeeshinichaafi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti gaggeeffameen gareen Atileetiksii Ityoophiyaa warqee 6, meetii 5 fi nahaasa 1 waliigala meedaaliyaa 12 argamsiisuun  sadarkaa 3ffaan xumureera.

Jilichi kaleessa galgala gara biyyaatti kan deebi’e yoo ta’u, har’a ganama sa’atii 1:30 irraa kaasee daandiiwwan ijoo magaala Finfinnee keessa naanna’uun simannaan taasifamuufii ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.