Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanach Abeebeen durfamu bakka buutota hawaasa Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2015(FBC)- Jilli Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu bakka buutota hawaasa Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waliin mari’atan.

Marichaan haala yeroo biyyaalessaafi haala diyaaspooraan carraalee invastimantii biyya keessaarratti bobba’uu danda’urratti mari’achuu ibsameera.

Ityoophiyaan barii jijjiiramaarraa eegalee adeemsa jijjiiramaa guddaa keessatti kan argamtu ta’uufi gama siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaan milkaa’inni hedduun galmaa’uu aadde Adaanach eeraniiru.

Yeroo ammaa waliigaltee nageenyaa hordofee nageenyi fooyya’aan uumamuu kaasaniiru.

Miseensonni diyaaspooraa beekumsa, qabeenyafi adda dippiloomaasiin duula birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti taasifamee turerratti dammaqinaan hirmaachuun ashaaraa seena qabeessaafi injifannoo boonsaa galmeessisuu yaadachiisaniiru.

Miseensota diyaaspooraa magaalichatti piroojetoota ndursi kennameef kanneen akka ijaarsa manneenii, tuurizimii, barnootafi indaastiriirratti hirmaachuu dhufaniif deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta’uu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun kantiibonni magaalota Adaamaa, Baahirdaariifi Dassee haala yeroo biyyaalessaafi haalota mijatoo magaalonni kunneen qaban irratti miseensota diyaaspooraa kanneeniif ibsa kennuu ragaan Afrikaa Kibbaatti Embaasii  Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.