Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamu lammiilee sababa guutinsa laga Oomoon buqqaa’an daawwate

Finfinnee, Onkololeessaa 8, 2013 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargagaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamu godina kibbaa Oomoo aanaa Daasnachitti sababa lagni Oomoo guuteen lammiileen buqqaa’an daawwateera.

Godina kibbaa Oomoo aanaa Daasnachitti sababa lagni Oomoo guuteen lammiileen kuma 62 buqqaa’un isaanii yaadatama.

Jilli Aaddee Fiilsan Abdullaahiin durfamu har’a aanaa kanatti argamuun haala buqqaatoonni kunneen keessa jiraan daawwateera.

Daawwannichaan hooggantonni dubartoota, daa’immanii fi dargagaggoota godinicha, artiistoonnii fi miseensonni diyaaspooraa hirmaataniiru.

Aadde Fiilsan erga buqqaatootaf dabarsaniin Ityoophiyaanoonni wayita gaddaa fi gammachuu aadaa wal bira dhaabbachuu isaanii guddisuu qabu jedhaniiru.

Deeggarsa yeroon cinatti deeggarsii bifa walitti fufiinsa qabun taasifamu mijaa’u akka qabus yaadachisaniiru.

Artiistonni fi diyaaspooraan Ityoophiyaa adda addaa daawwannaa kana irratti hirmaataniis buqqaatoota kana deeggaruuf lammiin hundi tumsa taasisuu qabu jechuun waamichaa dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.