Fana: At a Speed of Life!

Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan daawwannaaf Ityoophiyaa gale

Finfinnee, Fulbaana 12 , 2013 (FBC) – Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan daawwannaaf Ityoophiyaa galuu ibsameera.
 
Ityoophiyaa fi Sudaan Invastimantiin walitti hidhuun hariiroo ummattootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Sudaanitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Aymiroon dubbataniiru.
 
Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan damee Turiiziimirratti boba’an har’a daawwannaaf Ityoophiya galeera.
 
Jilli kun har’a naannoo Amaaraatti iddoolee invastimantiif mijatan ni daawwata jedhameera.
 
Jilli miseensota 26 hammate kun turtii Ityoophiyaatti taasiisuun naannoo Afaar, Bishooftuu fi Arbaa Minci daawwachuun filannoo misooma invastimantii ni gaggeessa jedhameera.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.