Fana: At a Speed of Life!

Jilli damee Fayyaa Giddugaleessa Afrikaarraa dhufee Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti daawwannaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)-Jilli damee Fayyaa Giddugaleessa Afrikaarraa dhufee daawwannaa fi muuxannoo hojii wal jijjiiruu Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti gageessa jira.

Ganama har’a daawwii hojii isaa biirichatti kan jalqabe jilichi hojimaata Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa fi caasaa kenna tajaajilaa dhaabbilee  ilaallatuu  Ittti aanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obboo Darajjee Abdannaatiin ibsi bal’aan taasifameera.

Kana malees qajeelfama hojii ‘karoora tokkoo,baajata tokkoo,Gabaasa tokkoo’ jedhuu dabalatee haala waliigalaa quubsuma,aadaa fi seenaa uummata Oromoofi Oromiyaa irrattiis ibsi taasifameeraaf.

Biyya rakkoo fayyaafi haala jireenyaa walxaxaa wal fakkaatuu keessaa dhufuu kan himanii miseensonni jilichaa hojimaata damee Fayyaa Oromiyaa irraa muuxannoo guddaa argachuu himaniiru.

Jilli kuni Hospitaalootaa fi dhaabbilee fayyaa muuxannoo hojii gaarii qabaniis ni daawwataan eegama.

Yidaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.