Fana: At a Speed of Life!

Jilli deeggartoota barnootaa idila addunyaa Finfinnee gale

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Jilli deeggartoota barnootaa idila addunyaa daawwaannaa hojii guyyoota sadiif har’a Finfinnee galeera.
 
Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa jila kanaaf simannaa taasisaniiru.
 
Jilli hojii raawwachiiftuu olaantuu deeggarsa barnootaa idila addunyaa Miisis Aliis Oolibraayitnaan durfamu kun turtii isaan Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Ministira Maallaqaa, Baankii Addunyaa, Waldaa Barsiisoota Ityoophiyaa fi hoggantoota barnootaa olaanoo waliin ni mari’atu jedhamee eeggama.
 
Dhaabbanni kun deeggartoota barnootaa idila addunyaarraa qabeenya walitti qabuun Ityoophiyaa fi biyyoota biroof deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu isaa ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.