Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee daldalaa Jibuutii Zoonii Industirii Bahaa fi Buufata Gogaa Mojoo daawwate

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Jilli garee daldalaa Jibuutii Zoonii Industirii Bahaa fi Buufata Gogaa Mojoo magaala Duukamitti argamu daawwateera.

Ityoophiyaatti daawwanaarra kan jiru jilli garee preezdaantii Mana Maree Daldalaa Jibuutiin duurfamu guyyaa har’aa Zoonii Industirii Bahaa daawwateera.

Jilichi daawwannichaan Zoonii Industirii Bahaa keessatti kan argamu dhabbata Saansheng Faarmaatikaalii fi Yuhaan Seeraamiiksii daawwateera.

Dabalataanis miseensonni garichaa sosochii hojii Buufata Gogaa Mojoo daawwataniiru.

Preezdaantiin mana marichaa Yesuuf Muusaa Ityoophiyaa qarqara galaanaa otuu hin jiraatin sosochiin hojii buufata gogaarratti taasiftu kan jajjabeeffamudha jedhan.

Gorsaan addaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Amiin Jundii gama isanitiin hariiroon Ityoophiyaa fi Jibuutii damee lojistiikiirratti qaban caalumatti cimsuuf hojjetamaa jiraachu himaniiru.

Jilli garee daldalaa Jibuutii Paarkii Industirii Adaamaa fi giddugala industirii biroo ni daawwatu.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.