Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ittaanaa Ministira Haqaa Turkiin durfamu Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasise

Finfinnee, Amajjii 23,2015(FBC)- Jilli Ittaanaa Ministira Haqaa Turkii Yaakup Mooguliin durfamu Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuu ibsame.

Jilichi tumsa seeraafi haqaa mootummaa Ityoophiyaafi Turkii gidduu jiru haala cimsuun danda’amurratti mari’achuuf Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuu eerameera.

Jilichi Ministira Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosiifi Ministir Deetaa Ministeera Haqaa obbo Alama’anta Aggidaw waliin haala sanadoota waliigaltee namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii waliif kennuufi dhimmoota yakkaarratti waliin hojjechuuf Caamsaa 10, 2022 biyyoonni lameen waliif mallatteessan mirkanaa’uun haala hojiirra ooluu danda’anirratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis dhimmoota seeraafi haqaa biroorratti mari’achuu ibsameera.

Jilichi Paarkii Tokkummaafi Waajjira Olaanaa Ministeera Haqaa daawwachuus ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.