Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Musxafee Umariin durfamu magaalaa Samaraa gale

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Preezdaanti mootummaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Umariin durfamu naannoo Affaar magaalaa Samaraa galeera.
Daawwanichaan hoggantoonni hojii olaanoo mootumaa naannichaa fi jaarsoleen biyyaa argamaniiru.
Jilicha wayita magaalaa Samara ga’u preezdaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa simannaa taasisaniiruufi.
Jilichi kutaalee hawaasaa balaa lolaatiin miidhaaman akka daawwatanii fi deeggarasa akka taasisan himameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.