Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministeera Fayyaa, hojii ittisa weerara vaayrasii koroonaa Hararii jajjabeesse

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Jilli Ministeera Fayyaa FDRI hojii ittisa weerara vaayrasii koroonaa naannoo Harariitti hojjetamaa jiru jajjabeesse.
 
Jilicha kan duursan ministir dettaan ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan sochiin ittisaa fi of eeggannoo jajjabeessadha jedhan.
 
Jilichi preezdaantii naannichaa obbo Oordiin Badrii waliinis hojii ittisaa fi to’annoo vaayrasii koroonaarratti mari’ateera.
 
Weeraricha ittisuurratti deeggarsi mootummaa federaalaa cimee akka itti fufu preezdaantichi gaafataniiru.
 
Dooktar Darajjeen gama isaanitiin mootummaan amma humni eeyyame tumsa mara kan taasisu ta’uu ibsan.
 
Hojiin ittisaa fi of eeggannoo naannoo Hararii, naannolee ollaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin taasifamu cimee akka itti fufus dhaamameera.
 
Bahatti to’annoon daangaarratti taasifamu cimuu akka qabus eerameera.
 
Jilichi yaala tursa addaa naannicha keessatti tajaajila laachaa jiran 5 fi labraatooriiwwan 2 daawwateera.
 
Hawaasni of dagannaa dhiisee hojii of eeggannoo akka cimsu Dooktar Darajjeen gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.