Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad shideen durfamu dhaabbilee faayinaansii Chaayinaa waliin mari’ate

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu dhaabbilee Faayinaansii olaanoo Chaayinaa waliin dhimmootaa walta’iinsaa invastimanti cimsuu dandeessisanirratti mari’ateera.

Jilichi baankii alergii fi fichisiisa Chaayinaa, Baankii Daldalaa fi Invastimantii, Baankii Misoomaa, Koorporeeshinii Inshuraansii Liqii fi Alergee fi hoggantootaa Eejensii Misoomaa Idil Addunyaa waliin mariin gaggeeffames bu’aa qabeessa ta’uun ibsameera.

Marii isaaniin, dameewwan invastimantii ijoo fi haaraa fuulduratti jiraatan irratti yaada waljijjiruun eerameera.

Gareen jilichaa dhaabbilee faayinaansiif damee dhuunfaan teelekoom, damee faayinaansii, diinagdee dijitaalaa, inarjii fi qonnaarratti hirmaachuuf tattaaffiiwwan gama Ityoophiyaan taasifamaa jiran irraatti ibsi kennameera.

Ityoophiyaatti haala mijataa invastimantii uumuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti ibsi taasifamuu eerameera.

Biyyoonni lameen dameewwan invastimantii tarsiimawaa barbaaduun waggoottan 10’n darban walta’iinsaa gamlameenii milkaa’aa ijaaran cimsuuf, waligalteerraa ga’uu ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.