Fana: At a Speed of Life!

Jilli Miseensota Paartii Badhaadhinaa Pireezidaantoota Naannoleen durfamu Jigjigaa gale

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) –Jilli Miseensota Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Pireezidaantoota Naannoleen durfamu magaalaa Jigjigaa galeera.

Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Garaad Wiil Waal ga’an Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoota naannichaan simatamaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa erga hundaa’ee Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee yeroo jalqabaaf yaa’ii kan qopheessu yoo ta’u, dhimmoota faayidaa ummataa fi haala waliigalaa yeroorratti ni mari’ata jedhamee eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.