Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Addisuun durfamu Aanaa Yaaballootti giddugala Horsiisaa fi Fooyyeessa Sanyii Loon Booranaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti,Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamu godina Booranaa Aanaa Yaaballootti giddugala Horsiisaa fi Fooyyeessa Sanyii Loon Booranaa daawwateera.
Sanyii Loon Booranaa aannanii fi foon olaanaa laatan kanneeniitti sirnaan fayyadamnaan diinagdee biyyaaf kan tumsuu danda’u qabeenya guddaa ta’uu obbo Addisuun dubbataniiru.
Akka OBN gabaaseetti Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti
Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan, rakkoolee jiran furuun fayyadamummaa hawaasa horsiisee bulaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.