Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Baariisoo Faayyisaan durfamuu Harargee Bahaatti Qamadii Jallisii Boneen Misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) –Jilli Ittaanaa Hoogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Mulluqqeefi Qumbiittti Qamadii Jallisii Boneen Misoomaa jiru daawwateera.

Obbo Baarisoon ,qonnaan bulaan lafa qaburratti humna guutuun oomishuun rakkoo hanqinaa nyaataa furuu cinaatti birmadummaa biyyaa mirkaneessuu akka danda’uuf xiyyeeffanoon hojjetamuu qaba jedhaaniiru.

Godina Harargee Bahaatti bara kana lafti heektaarri kumni 32 fi 356 Qamadii jallisii boneen uwwifamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetahuun Nigaatuu himaniiruu.

Naannoo Oromiyaatti oomishni Qamadii jallisii bonee lafa heektaara miiliyoona 1 ol irratti faca’e sadarkaa abdachiisaa irra jiraachuus Itti AanaaHogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa himaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.