Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Aanaa Heeban Arsiitti kilaastera misooma Avookaadoo daawwate

Finfinnee, Mudde 22, 2015 (FBC) – Jilli hogganaa Biirroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti Kilaastera misooma Avookaadoo daawwateera..

Waggoota arfan darbanitti Avookaadoo sanyii fooyya’aa oomishtummaanii fi qabiyyeen dhangala’ee nyaataa isaanii olaanaa ta’e godinaalee oomisha avookaadoof mijaawaa ta’an keessatti kilaasteraan hundeen kumni 10 misoomuu ibsameera.

Aanichatti Qonnaan bultoonni lafa hektaara 60 irratti Avookaadoo kilaasteraan misoomsaa jiraachuu himameera.

Hojiilee misooma qonnaa gama hundaatiin hojjetamaa jiru cimsuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsuu ragaan Biiroi Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.