Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuun durfamu Aanaa Adaamaatti Qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwateera.

Bara 2013 Qamadii jallisiin misoomsuun lafa heektaara kuma torba hin caalleen jalqabe, bara kana lafa heektaara miiliyoonaa 1 fi kuma dhibba 1 irratti faca’ee misoomaa jira jedhan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun.

Godina Shawaa Bahaatti lafa heektaara kuma 200 fi kuma 3 irratti Qamadiin jallisii Boneen misoomaa jiraachuu ibsameera.

Naannoo Oromiyaatti bara kana callaan oomisha Qamadii kuntaalli miiliyoonni 100 kan eeggamu ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Naannoon Oromiyaa bara kana Qamadii kuntaala miliyoona 15 alatti erguuf qophii taasisaa jiraachuu eeruun, hanga ammatti Qamadiin kuntaalli kumni 700 fi kumni 50 bitamee kuusaatti galuu himuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.