Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo kibrasan Nagaash durfamuu bakkeewwan hawwata tuurizimii fi iddoo seenaa qabeessa godinaa Iluu Abbaa Booraa daawwateera

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC) – Jilli daayreektara misooma koomiishini tuurizimii Oromiyaa obbo kibrasan Nagaash durfamuu bakkeewwan hawwata tuurizimii fi iddoo seenaa qabeessa godina Iluu Abbaa Booraa daawwateera.
Jilichi mata duree “Coffee tour” jedhuun daawwannaa kan taasisan jiru yoo ta’uu, qabeenya uumamaa fi bakkeewwan seenaa qabeenyii aanoolee godina Iluu Abbaa Booraa kanneen akka aanaa Nophaa keessatti finca’aa Ilkee fi finca’aa Soorii aanaa Baachoo keessatti daawwateera.
Finca’aan Soorii aanaa Baachoo ganda Tubbii jedhamu keessatti argamus jilichaan kan daawwatamee yoo ta’uu finca’ ichi sadarkaa biyyatti isaa 2ffaa ta’uu abbaa taayitaa qorannoo eegumsaa fi kununsaa hambaawaan Ityoophiyatti galmee’era.
Iti gaafatamtuun wajjiraa aadaa fi tuurizimii godina Iluu Abbaa Booraa aadde Xiggee Raggasaan, daawwanichaa irratti haasa taasisaniin, qabeenya uumamaa fi bakkeewwan hawwata tuurizimii godinichi qabu taajajilaaf olchuu irratti haqinni baajata gufuu ta’eera jedhan.
Kana malees jilichi hambawwan seenaa aanaa gooretti argaman kanneen akkaa “Consila Biritish” masaara mootii fi kanneen biroo aanaa gooree keessatti argaman daawwateera.
Magaalaan Gooree bara 1875 kan hundoftee yoo ta’uu, baatiwwan torbaaf teessoo mootii Haayilaa Silaasee ta’uun taajajilteetti jedhu qooratan aadaa fi seenaa aanaa gooree obbo Tamasgeen Koorje.
Gama birattis hambaawwan seenaa aanaan gooree qabdu keessaa 22 addan ba’ee abbaa taayitaa eegumsaa fi qorrannoo Ityoophiyaan galma’eera jedhu obbo Tamasgeen.
Kayyoo daawwannaa kanas qabeenyaa godinni Iluu Abbaa Booraa qabdu addan baasuun galteewwan daawwataa tuurizimii oluu danda’an addan baasnee hojii naannichaa beeksisuu kan hojjetamu ta’a jedhan obbo kibrasan Nagaash.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.