Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Asoosaa gale

Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Asoosaa galeera.

Jilichi wayita Buufata xiyyaaraa Hiddaasee ga’u Pireezidaantii naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoota mootummaa naannichaan simannaan taasiifameefira.

Jilli kun sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi Eebba Miidiyaa naannichaarratti hirmaachuuf gara sana imaluu isaa ragaan Kominikeeshinii Naannoo Beenishaanguul Gumuzirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.