Fana: At a Speed of Life!

Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Magaalaan Adaamaa gara Liigii olaanootti bu’uu isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Kilaboonni Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Magaalaan Adaamaa Priimeyar Liigii Ityoophiyaa keessa gara liigii olaanootti bu’uu isaanii mirkanaa’eera.
Taphoota Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’a Istaadiyeemii Yunvarsiitii Hawaasaatti gaggeeffameen Dirree Dawaan Magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1n injifateera.
Richimoondi Ayingoo daqiiqaa 45ffaa fi 90ffaarratti Dirree Dawaaf goolii lama yoo lakkoofsiisu, Abduulkariim Warquun daqiiqaa 58ffaarratti goolii moo’atamuu jalaa hin baraarre 1 Walqixxeef lakkoofsiiseera.
Kilaboonni Oromiyaa bakka bu’uun Priimeyar Liigii Ityoophiyaa keessatti hirmaachaa turan Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Magaalaan Adaamaa gara Liigii olaanootti bu’uu isaanii mirkanaa’eera.
Jimmaa Abbaa Jifaar taphoota hanga ammaatti gaggeesseen qabxii 14 qofa yoo walitti qabatu, Magaalaan Adaamaas qabxii 10 qofa galmeessiisuun Priimayer Liigii Ityoophiyaa bara 2014 keessatti hirmaannaa osoo hin argatin hafaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.