Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni fi dhalattoonni magaalaa Asallaa hojii tol ooltummaa raawwatan

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Qindeessummaa mana maree daldalaa fi Waajjira Daldalaafi Industirii magaalaa Asallaatiin jiraattonni fi dhalattoonni magaalaa Asallaa sagantaa tola ooltummaa irratti hirmaatan.
Sagantaa kana irratti Ashaaraa magriisaan biqiltuu dhaabaniiru fi gooticha raayyaa ittisa biyyaafis dhiigni arjoomameera.
Dabalataan manneen harka qalleeyyii 5 kan ijaarraman yoo ta’u, barattoota nama qarqaaru hin qabneef bara barnootaa itti aanutti dabtarri darzaana tokko tokko bitameefii jira.
Barataa tokkof dabtara bara barnoota kanaa guutuu fi harkaqalleeyyii fi maatiiwwan mieensota raayyaa iitisa biyyaa gargaaruuf kan oolu sagantaan maallaqa walitti qabuus kan geeggeeffamee yoo tahu, hanaga ammaatti birriin kuma 300 ol walitti qabamuu ittigaafatamtuun waajjira daldala fi industirii magaalaa Asallaa aadde Ra’iisaa Adam FBC himaniru.
Qindeessaan koree sagantichaa obbo Huseen Bashiir, daldaltootaa fi jiraattota magaalattii qindeessinuun deeggarsa humnaa, mallaqaa fi arjooma dhiigaatiin gahee isaanii bahachuuf sagantaa kana qopheessuu himan.
Sagantaan kun gara fuula duraattis akka itti fufu kantiibaan magaalattii obbo Gabiree Urgeessoo sirna kanarratti dubbataniiru.
Hogganaan Biiroo Dalalaa Oromiyaa obbo Dhaangee Boruu gama isaaniin hojiin tola ooltummaa akkanaa tarsiimoowwan jijjiiramaa fi guddinaa biyyattiin eegalte milkeessuuf fayyadan keessaa tokko dha jedhan.
Kanaafis uummatni harka walqabachuun rakkoo akka biyyaatti mudate keessa darbuu fi jijjiirama hundagaleessa eegalame fiixaan baasuuf mootummaa jijjiiramaa cina hiriiree tumsa irraa eegamu akka bahuu qabu dhaamaniiru.
Jamaal Gandootu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.