Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni godina Shawaa Kaabaa oomisha aanniirraa fayyadamaa akka hin jiraatin ibsan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Jiraattonni godina Shawaa Kaabaa oomisha aanniirraa fayyadamaa hin jirru jedhan.

Walitti hidhamiinsi gabaa aannanii nuuf uumamuu dhabuu isaatin, qabeenya ofirra darbee biyya fayyaduu danda’u namoonni seeran alaa akka irraa fayyadaman ta’aa jiraan komataniiru.

Gaaffiin keenya furmaata akka argatuuf kanaan dura gaafachaa turreerra; ammas furmaata hin arganne jedhan.

Galteewwan tajaajila loon aannaniif baasnu maallaqa dhaabbileen oomisha aannanii nurraa bitaniin kan walmadaaluu mitis jedhu.

Dhaabbileen kunniin gabaa aannanii akka fooyyessan gaafatanis deebii akka hin argatin Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Qaamni mootummaa dhimmi ilaalus furmaata akka nuuf laatu gaafanna jedhan.

Godina Shawaa Kaabaa keessatti loon aannanii addaddaa miiliyoona 1.6 akka jiran ragaan Waajjira Misooma Beelladaa fi Qurxummii godinichaarraa arganne ni muul’isa.

Loowwan kanneenirraayis aannan leetira miiliyoona dhibba lama waggaadhan, ji’atti ammoo liitira miiliyoona 17 hanga 20 gabaa jiddugaleessaaf dhiyeessaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Tasfaayee Jimaa himaniiru.

Qonnaan bulaan oomisha aannanii gatii madaalawaadhan gabaadhaf dhiyeessaa jiraatus gatii oomishasaa murteessuun gurgurataa akka hin jirre himu.

Itti aantuun hoggantuu Eejansii Misooma Gabaa Oromiyaa aadde Hawwaan Ahimad amma dambiin gatii aananii ba’utti daldaltoota seeran alaa ittisuuf qooda fudhattoota waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.