Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonnii fi Bulchiinsi Shawaa Kaabaa RIB’f deeggarsa Birri miiliyoona 40 taasisan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti Jiraattonnii fi bulchiinsi Godina Shawaa Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birri miiliyoona 40 taasisan.

Deeggarsi taasifames, saangoota 59, hoolotaa fi re’oota 981 fi meeshaalee garaagaraa ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa Godinicha Obbo Ingidaashet Bagaashawu, deeggarsicha yeroo kennan haasawaa taasisaniin, ummaanni Shawaa Kaabaa Raayyaa Ittisaaf gaachana ta’uu cimsee itti fufa jedhaan.

Deeggarsicha kan fudhan Itti Aanaa Bulchaa Godina Walloo Kaabaa Obbo Gashaawu Asmaame gama isaaniin, Raayyaa Ittisaa addaa waraanaa jiruuf deeggarsi cimee itti fufuu qaba jechuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Shawaa Kaabaa irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.