Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni aanaa Daarimuu ABO Shanee balaaleffatan

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Jiraattoonni godina Iluu Abbaa Boor aanaa Daarimuu ABO Shanee hiriira ba’uun balaaleffataniiru.
Aanaan Daarimuu Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor daangaa irrattii argamtu ta’uu isheetiin yeroo adda addaatti ABO shaneen hawaasa aanichaa gidirsaa turaniiru.
Jiraattoonni aanichaas gochaa ABO shaneen aanicha keessatti raawwataa ture hiriira ba’uunis balaaleffataniiru.
Keessumattuu gandoolee Aanaa Daarimuu gamoojjii keessatti hojiiwwan misoomaa akka hin gaggeefamne gochuunis qabeenyaa fi hawaasa irratti miidhaa geessisaa akka turan jiraattoonni Aanichaa tokko tokko himaniiru.
Jiraattoonni kunneenis gochoota ABO shaane cimsanii kan balaaleffatanii fi nageenya isaanii eegachuuf kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.
Hiriira kana irrattis namoonni miseensa ABO shaanee turan fi gocha isaaniitti gaabbuun hawaasa dhifaama gafaataniiru.
ABO Shanee gocha gara jabeenyaa fi gaddisiisaa ta’e akka hojjetu himuudhaan hawaasni akkuma qabsoo isaa jalqabe kanatti balaaleffachuu fi saaxiluu itti fufuu qabus raga ba’aniiru.
Bulchaan Aanaa Daarimuu obbo Darajjee Ayyaanaa miidhaawwan ABO Shaneen Aanichaa keessatti raawwatame hawaasa gidirsuu qofa osoo hin taane caasaa mootummaa diiguu fi qabeenya ummataa qarshii miiliyoona 3 olitti tilmaamamu saamaniiru jedhan.
Akka gabaasa OBNtti tarkaanfii caasaaleen nageenyaa ummata walii ta’uun fudhataniin nageenyi aanichaa guutummaatti iddootti deebi’uu kan himan obbo Darajjeen qabeenyi saamames deebi’aa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.