Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Godina Arsii fi Jimmaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Jiraattoonni Godina Arsii fi Jimmaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Jiraattonni Godina Arsii sangoota 100, re’ootaa fi hoolota 100 walumattii beeyladoota manaa 200 gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif gumaacha taasiisaniiru.
Jiraattonni Godina Arsii fi Bulchiinsa Magaalaa Asallaa marsaa duraatiin Sangoota 636 Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf gumaachuun isaanii ni yaadatama.
Jiraattoonni Godina Jimmaa fi Bulchiinsa magaalaa Jimmaas marsaa 2ffaan sangoota 180 fi Hooloota 40 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Deeggarsi aanaalee godina 20 fi bulchiinsa magaalaa Jimmaarraa walitti qabame kun birrii miiliyoona 4.5tti kan tilmaamamu ta’uu ibsameera.
Jirraattoonni Godina Jimmaatti marsaa duraan Sangoolii 542 fi hooloota 408 Birrii miiliyoona 15.3tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu himameera.
Tamasgeen Allebbaachoowitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.