Fana: At a Speed of Life!

Jirraan ispoortii dhaabbachuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Taphni jirraa maqaa ispoortitiin (Betting) eegalame qumaaratti geeddaramaa jiraachuu isaatin dhaabbachuu akka qabu ibsame.

Dargaggoota rakkoo hawaasummaa fi diinagdeef saaxiluu irratti kan argamu jirraan ispoortii (Betting) dhaabbachuu akka qabu Ministeerri Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa hubachiise.

Ministir deettaan Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoo FDRI aadde Alamituu Umad, dargaggoonni barmaata badaa tapha jirraa ispoortii fi kanneen biroon miidhamaa jiraachuu ibsuun, miidhaa hawaasummaa fi diinagdee ga’aa jiru hambsuuf hojjetamuu qaba jedhan.

Keessattuu yeroo ammaa taphni jirraa ispoortii qumaaratti geeddarama ajiraachuu isaatin daa’imman, guddattoota, dargaggootaa fi barattoota yuunvarsiitii biratti haalaan babal’achuun miidhaa hawaasummaa, diinagdee fi xinsammuu hamaa geessisaa jiraachuu qorannoon damichaan gaggeeffame ni mul’isa jedhaniiru.

Dhimmicha irratti qorannoon dhiyaachuun miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, hoggantoonni amantaa, ijaarsaaleen dargaggootaa fi ogeeyyiin miidiyaa irratti mar’achaa jiru.

Akka qorannoon gaggeeffame muul’isutti taphni jirraa ispoortii kun qaamolee hawaasaa araada, miidhaa xinsammuu, walitti bu’iinsa, yakkaa fi yeroo isaanii qisaasuun albaadhesummaaf saaxileere jedhameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.