Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan preezdaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uun sirna kakuu raawwatan

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC) – Joo Baayidan preezdaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uun Waashiingitan US Kaappitoolitti baallii fudhatan.

Kaamaalaa Hariis seenaa Ameerikaatti dubartii itti aantuu preezdaantii Ameerikaa taate ta’uun kakuu raawwatteerti.

Sirna kakuu kanarratti preezdaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Oobaamaan, haati warraa isaanii Miisheel Oobaamaa, Joorji Buush, haati warraa isaanii Laawuraa Buush,akkasumas Biili fi Hiilaarii Kiliintan argamaniiru.

Itti aanaa preezdaant Tiraamp kan turan Maayik Peensiis sirnicharratti argamaniiru.

Preezdaant Tiraamp sirni kakuu raawwachuuf wayita sa’aa muraasni hafu Heeliikooptara waraanaan waayit Hawuus gadhi dhiisuun ba’aniiru.

Sirna kanarratti hirmaachuu dhabuu isaaniin erga bara Faranjootaa 1869 as seenaa Ameerikaatti preezdaantii jalqabaa ta’aniiru.

Baayidan ”Guyyaan kun guyyaa Ameerikaanootaa, guyyaa diimookrasiiti” jechuun erga waadaa galanii haasaa isaanii jalqabaniiru.

Diimookraasiin injifateeras jechuun dubbatan.

Wanti ijaaramu, wanti suphamu hedduun jira jedhan.

Baayidan haasaa isaanii keessatti preezdaantoota duraanii biyyattii paartii lamaanuurraa sagantaa har’aarratti argaman galateeffataniiru.

Tokkummaan daandii fuula duraati,wal dhagahaa waliif kabaja kennuun akka jiraatu gaafatan.

Barri aangoo isaanii qormaata hedduu fuula duraa qabaachuu himuun, gufuuwwan jiran hunda akka irra aanaan dubbatan.

Heera biyyattii fi Ameerikaa tiksuuf waadaa galaniiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.