Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee marii taasiseen murtee garagaraa dabarse

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee marii taasiseen murtee garagaraa dabarse.
 
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’iisaa idilee gaggeessen ajandaawwan fooyya’insa idaa taaksii fi fooyya’insa galiirratti mari’achuun murtii dabarseera.
 
Bu’uuruma kanaan; kaffaltoonni gibiraa bara gibiraa 1997-2007 kuufama idaa qaban idaan isaanii dhiifamaan akka hafu.
 
kaffaltoonni gibiraa bara gibiraa 2008-2011 adabbii fi dhalli hafee gibiraa qofaa akka kafalan murteesseera.
 
Dabalataniis dhaabbilee fi namoonni miindaa hojjettoota mana isaanii taa’niifi kaffalan akkasumaas kireessitoonni kireeffattootaaf gatii kiraayii hir’isan hir’inni taaksii akka ta’ufi murtee dabarseera.
 
Gama biroon galii magaalichaa foyyeessuuf waajjiraalee hunduu qindoominaan hojjechuu akkataa danda’an irratti mari’ateera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.