Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen naannoo Beenishaangul Gumuz murtoo garaagaraa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Kaabineen naannoo Beenishaangul Gumuz walga’ii idilee gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarse.

Kabineen naannichaa walga’ii idilee guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota misoomaafi diinagdee lammiilee naannichaa filannoo nageenyaa mootummaa fudhachuun karaa nagaa qabsaa’uuf deebi’an fayyadamoo taasisuu danda’an irratti bal’inaan mari’achuun murtoo dabarseera.

Deebitoonni nageenyaa naannicha bakkeewwan garaagaraatti argaman dameewwan qonnaa, albuudaa, daldalaafi kanneen biroorratti gara hojiitti akka galaniif deeggarsi tiraakteraa, maashina albuuda baasuu, kaappitaalli ka’umsaafi haalonni mijatoon biroo akka mijatuuf murteesseera.

Lammiilee karaa nagaa qabsaa’uuf deebi’an yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti akka galaniifi fayyadamoo diinagdee akka ta’aniif murtoon darbuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.