Fana: At a Speed of Life!

Kaansarii fiixee gadameessaa ittisuuf hojiin fooyya’insa qabu hojjetamaa jira- BFO

Finfinnee, Amajjii 23,2015(FBC)- Kaansarii fiixee gadameessaa ittisuuf hojiin fooyya’insa qabu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.

Biirichi haala ittisaafi to’annoo dhibichaarratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Kaansariin fiixee gadameessaa kaansarii harmaatti aanee sadarkaa 2ffaadhaan dubartoota miidhaa akka jiruu fi hojiin kaansarii kana ittisuuf taasifamaa ture hanga bal’ina dhibeechaan wal simuu baatus hojiin fooyya’insa qabu hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa ibsaniiru.

Sababoonni dhibee kanaaf nama saaxilan walqunnamtii saalaa daangaa hin qabneefi umurii daa’imummaan walqunnamtii saalaa eegaluu ta’uu eeraniiru.

Namoonni dhukkuboota saalqunnamtii saalaan dhufan kanneen akka HIV’n qabaman dhibichaaf saaxilamuu kan danda’an ta’uu ibsichaan ka’eera.

Oromiyaatti hojiin ittisaafi to’annoo akkasumas hubannoo uumuu  bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Iddoowwan adda addaatti wiirtuuwwan yaalii kaansarii babal’isaa jiraachuu fi meeshaalee yaala fayyaa bituun Ministeera Fayyaa waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.