Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ibsituu sabdaneessummaa kan ta’e Ayyaanni Cuuphaa uffannaa Aadaan faayamee afaanoota adda addaan agarsiifnii sirna amantaa fi aadaa kan dhiyaatu ta’uu eeraniiru.
Turistoonni hedduun aadaa, miidhagina, tokkummaa fi duudhaa keenya daawwachuun dinqisiifatu jedhan.
Waayita ayyaanicha kabajamu duudhaa amantaa fi Aadaa gabbisuun, sabdaneessummaa cimsuun guddina damee Tuurizimii fi ijaarsa biyyaaf haala gumaacha taasisuun kabajamuu akka qabu dhaamaniiru.
Ayyaanichi kan tokkummaa, Fayyaa, Jaalalaa fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia