Fana: At a Speed of Life!

Kaappiteen Qaalkidaan Girmaa sadarkaa balaliisaa olaanaa Erbaasii E-350 argachuun dubartii Ityoophiyaa jalqabaa taate

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Kaappiteen Qaalkidaan Girmaa sadarkaa balaliisaa olaanaa Erbaasii E-350 argachuun dubartii Ityoophiyaa jalqabaa taatitti.

Daandiin qilleensa Ityoophiyaa milkaa’ina Qaalkidaan irraa geesseef erga baga gammadde dabarseera.

Kaappiteen Qaalkidaan Girmaa kana dura balaliisa olaanaa xiyyaara Booying 737 balalisaa turuu ishee daandiin qilleensa Ityoophiyaa FBCtti himeera.

Daandiin qilleensicha balallii guutumma guutuu dubartootaa durfamee yeroo jalqabaaf Waashingitaan Diisii, Osloo fi magaalota birootti taasisu isaa kan yaadatamudha.

Balaliisuun, keessummeessun, maandissuummaa fi damee biroorratti dubartootaan balaalliin gageessuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.