Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltoonni gibiraa sirna kaffaltii elektirooniiksiin tajaajilamuu akka itti fufan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Kaffaltoonni gibiraa sirna kaffaltii elektirooniiksiin tajaajilamuu akka itti fufan waamichi dhiyaate.

Ministeerri Galiiwwanii akka beeksisetti, torbeewwan lamaan darban kaffaltoonni gibiraa 6,592 sirna kaffaltii elektirooniiksiin gibira isaanii beeksisaniiru.

Ministirri ministeerichaa obbo Laaqaa Ayyaaleew hojimaatichi tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun ala, baasii fi yeroo kaffaltoota gibiraa qusachuudhan sirna gibiraa ni ammayyeessa jedhaniiru.

Kaffaltoonni 1,685 sirnichaan gibira isaanii kan kaffalan yammuu ta’u, kanaanis Birrii 738,416,756 walitti qabameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.