Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltoota gibiraa amanamoo ta’an 200f beekkamtiin laatame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad marsaa 2ffaan kaffaltoota gibiraa federaalaa amanamoo ta’an 200f beekkamtii kennan.
 
Sirna beekkamtii sadarkaa sadiin kenname kanaan , kaffaltoonni gibiraa 20 sadarkaa Plaatiiniyeemiin, 60 warqeen fi 120n sadarkaa Meetiin badhaafamaniiru.
 
Kaffaltoonni gibiraa kunneen mana hojii mootummaatti tajaajila dursaa akka argatan Dooktar Abiy qaajeelfama laataniiru.
Dooktar Abiy warri amanamummaadhaan gibira kanfalan gootota biyya keenyaati jedhan.
Haa ta’uutii warri kanfaltoota gibiraa amanamoo jedhamanii badhaafaman 200 qofaa utuu hintaane kumaatamatti kan lakkaa’aman ta’uutu irra ture.
Sabbata haadhaa fi gibira biyyarraa saamuun qaanii isa dhumaati jedhan.
Kanfaltoonni gibiraa akkuma gibira kaffaltan hattootarrattis akka qabsooftan waamichakoo isinii dhiyeessa jechuun sirnicharratti ergaa dabarsaniiru.
Bara baajataa darbetti waliigala birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 70 galii walitti qabuuf karoorfamee biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyoonni 33 fi miiliyonni dhibbi 7 walitti qabamuu ibsameera.
 
Galiin kunis galii bara baajataa 2011 walitti qabame biiliyoona 35.5 caalmaa qaba jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.