Fana: At a Speed of Life!

Kalaqa meeshaa Altiraa Saawondii amma jiru bakka bu’uu danda’a jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Qorattoonni Inistitiyuutii Teeknooloojii Maasaachuseet qaama wal’aanamtootaarratti haala salphaan maxxanfamuun suuraa keessoo qaama namaa qulqullinaan kan argisiisuu danda’u kalaquun ibsame.

Kalaqichi hamma ‘teembirii’ poostaatti maaxxanfamuu kan ga’u yoo ta’u, dhaabbilee fayyaatti meeshaa Altiraa Saawondii bakka bu’uun, suuraa onnee, sombaa fi keessoon qaama dhibamtootaa maal akka fakkaatuu qulqullinaa fooyya’aan kan argisiisu danda’uudha jedhameera.

Meeshaan kun qaama namaarraatti maxxanfamuun sirna Altiraa Saawondiin tajaajila kan kennu yoo ta’u, sa’aatiiwwan saaddeetiif utuu addaan hincitin suuraa qaama namaa argisiisuu danda’a jedhameera.

Namoota fedhiidhaan of kennanirratti yaalii taasifameen hidda dhiigaa, onnee, sombaa fi sansakaa keessoo qaama namootaa kan argisiisu ta’uun mirkanaa’eera.

Yeroo ammaa yaada qorattoonni dhiyeessaniin dambaliiwwan sagalee meeshaa kanarraa calaqqisaan hiikuuf meeshaa biraa waliin quunnamsiisuu barbaachisa.

Ta’us, kalaqicha shiboo-maleessa taasisun namoota hundaan ga’uun akka danda’amu ibsamuu ragaan inistitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.