Fana: At a Speed of Life!

Kameeraa nageenyaa hanga fageenya kiilo meetira 5tti suuraa adda baasuu danda’u Finfinneetti dhaabamufi

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Nageenya lammiilee eeguuf kameeraa nageenyaa hanga fageenya kiilo meetira 5tti suuraa adda baasuu danda’u dhaabuuf sochiin eegalame.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Komishiniin Poolisii Federaalaa dhaabbile damichan muuxannoo qabu waliin magaalaa Finfinneetti teeknooloojicha diriirsu haala dandeesisurratti mari’ateera.

Kaameraan nageenyaa dhaabaman kun yakka dursanii ittisuuf kan gargaarudha.

Finfinneen teessoo gamtaa Afrikaa fi diipiloomaatoota hedduun ta’uun hoggantoonni biyyoota garagaraa gara magaalichaa si’a galan eegumsa cimaa taasisuuf tumsi isaa olaanaa ta’uun himameera.

Ministirri Deettaan ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Jamaal Bakar nageenya lammiilee teknooloojiin eeguurratti xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.