Fana: At a Speed of Life!

Kana booda diinni kamuu Ityoophiyaa tuquu hin yaalu-Dooktar Biqilaa Hurriisaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Kana booda diinni kamuu Ityoophiyaa tuquuf waan  yaalu natti hin fakkaatu  jedhan Waajjira Muummee Ministiraatti qindeessaan Ijaarsa Wiirtuu sirna Diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaan.

Garee shororkeessaan qabsoo uummataan aangoorraa kaafame ABUT Ityoophiyaa diiguuf humnoota alaa waliin qindaa’ee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa kun “ Ityoophiyaan ani hin hoogganne haa diigamtu” jechuun daa’immanii fi jaarsolii osoo hin jedhiin duulatti bobbaasuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Humnoonni alaa karaa hin malleen fedhii siyaasaa fi diinagdee isaanii Ityoophiyaarratti fe’uu barbaadan kaayyoo badii garee kanaa cina dhaabachuu himaniiru.

Ityoophiyaan kabajaa fi bilisummaa ishee kabachiisuun fakkeenya bilisummaa Afrikaa taatee  kan itti fufutu ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen keessaa fi alaa adeemsi jijjiiramaa fi mul’atni Badhaadhinaa Ityoophiyaa itti hin tolle Ityoophiyaa gufachiisuuf yaalaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni kabajaa fi birmadummaa biyya isaaniif diinota isaanii irree gamtoomeen qolachuun diinaaf kan hin jilbeeffanne ta’uu qabatamaan agarsiisaa jiru jedhan.

Diinonni Ityoophiyaarratti shira xaxan Ityoophiyaan eenyuufuu kan hin jilbeeffanne fi biyya gootota hedduu akka taate  hubachuu  qabu jedhaniiru.

Ityoophiyaan rakkoo yeroo ishee mudate keessaa gootota ijoollee isheen kan baatuu fi qabsoon bilisummaa Afrikaa sosochii Paan Afrikaaniizimiin cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Maddi :- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.