Fana: At a Speed of Life!

Ka’umsaa fi mallatoo dhiibbaa dhiigaa wayita ulfaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Dhiibbaan dhiigaa wayita ulfaa mudatu, ulfa baatii afur irraa eegalee hanga baatii sagalitti akkasumaas da’umsaan booda hanga baati jahatti dhibee mudachuu danda’uu.

Akka qorannoowwaan argisiisanitti dhibee kanaan waggatti Addunyarraa lubbuun hadhoolii kuma 63 ni darba jedhameera.
Akkasumas daa’imman miiliyoona walakkaa ta’an lubbuun kan darban ta’uun eerameera.

Hoospitaala Xiquur Ambaassaatti Oggeessii Hordoffii Gadameessaa fi Ulfaa Gargaara Pirofeesaraa Sa’iid Arragee turtii Faanaa Biroodkastiingi Koorpooreet waliin taasisaniin, dhiibbaan dhiigaa wayita ulfaa mudatu sadarkaa qaba jedhu.

Sadarkaa 1ffaa kan jedhamu haatii yeroosuma akka deessu kan dirqamsisu ta’uu dubbatu.

Inni biraan, sadarkaa kuffisuu, Sombaa, Tiruu fi Kalee sadarkaa miidhuu irraan gahuu, sadarkaa lubbu daa’imaa ajjessuun, dhiigni qal’aachuu, mallattoolee sadarkaa olaanaa dhibechaati jedhu Dooktar Sa’iid.

Dhiibbaan dhiigaa kun wayita ulfaa sadarkaa kamittuu ni mul’ata jedhaani adda baasuun kan hindanda’amne ta’uu ibsu.

Ka’uumsi dhiibbaa dhiigaa wayita ulfaa, guraachina, ulfaatina olaanaa qabaachuu, dhibee sukkaraa, ulfaa’uun dura dhiibba dhiigaa qabachuu, teeknoolojiiwwaan ulfi akka mudatu taasisan fayyadamuu, lakkuu ulfaa’uu fi sababa maatiin dhufuu akka danada’uu eeraniiru.

Mallattoowwaan mul’atanis, mataa dhukkubbii olaanaa, ijaatti dimimmiseessuu, harkaa fi miilii dhiitaa’uu, yeroo gababa keessatti ulfatina dabaluu, baatii shaniin booda ol deebisuu, dhukkubbii harmaa gara mirgaa, sirni hargansuu hir’achuu, of wallaalannii kufuu fi holaachuu ta’uu Dooktar Sa’iid kaasaniiru.

Mallattoolen kunneen wayita mul’atanitti ariitiin gara bufataa fayyaa deemuun akka barbachisu ogeessii kun ni gorsu.

Wayita ulfaa dhibeen dhiibbaa dhiigaa yeroon yoo hinwal’anamiin, daa’imni garaa haadhaa keessatti du’uun, dhibee dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraaf nama saaxila jedhaniiru.

Wayita ulfaa ulfaatina qaama hordofuu, sochii qaama taasisuu, kuduraa fi muduraa sorachuu, tamboo xuuxuu dhisuu fi nyaataa mi’aawa irraa of qusachuun dhiibbaa dhiigaa wayita ulfaa mudatu ittisuun kan danda’amu ta’uu Dooktar Sa’iid Arraageen ibsaniiru.

Dhibeewwaan wayita ulfa du’aatii haadholii akka mudataniif sababa ta’an 5 keesaa dhiibban dhiigaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaattis du’aatii hadhooliin % 10 ta’aniif sababni tokko dhiibbaa dhiigaa wayita ulfaa ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.