Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan dhorkama balallii gara Somaaliyaa keessee turte kaafte

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Keeniyaan dhorkama balallii kallattii gara Somaaliyaa taasiifamu keessee turte kaasuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksiise.
Tarkaanfiin kun hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii dura turetti ni daabisa jedhamee eeggama.
Imaltoonni waraqaa qorannoo Vaayrasii koroonaa dabalatee Prootookoolii balallii guuttachuu qabu jedhame.
Murtoon Keeniyaa isaan gammachiisuu dubbii himaan Mootummaa Somaaliyaa Mahaammad Ibraahiim ibsaniiru.
Tarkaanfichi hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii dura turetti deebisuuf daandii kan banu ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-BBC
Keeniyaan Balallii kallattii biyyoota lamaanitti taasiifamu baatii Caamsaa keessaa dhorkuun ishee kan yaadatamuudha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.