Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan Olompika Tookiyoorratti warqee jalqabaa argatte

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC) –Gareen Olompikii Keeniyaa maal ta’e osoo jedhamuu dorgommii meetira 800 dhiirotaa har’a dorgomameen Imaanu’eel Koriir warqee jalqabaa biyyasaaf argamsiiseera.

Lammiin Keeniyaa biroon Fargusan Rotich lammaffaa ta’uun Meetii argateera.

Qabxii hanga ammaa jiruun Keeniyaan meedaaliyaa Warqee tokko, meetii 2 fi nahaasa 2 walitti meedaaliyaa 5 injifachuu dandeesseetti.

Ityoophiyaa fi Yugaandaan ammoo meedaaliyaa warqee tokko, meetii tokko fi nahaasa tokko qabaachuun lakkoofsa meedaaliyaan Keeniyaatti aananii jiru.

Ameerikaan Meedaaliyaa 16 walitti qabachuun sadarkaa 1ffaan dursaa jirti.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.