Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan qabeenyota hataman Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 baasan deebisiiste

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Keeniyaan qabeenyota hataman Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 baasan deebisiiste.

Mootummaan Keeniyaa qabeenyoota malaammaltummaan hataman Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 baasan deebisuu isaa itti gafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Nuuraddiin Haajiin dubbataniiru.

Maallaqni ibsame kun biyyatitti sadarkaa olaanaan kan raawwatamaan mallaaqa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2 keessa % 1 gocha malaamaltummaa akka hin qabaanne gabaasichi ibseera.

Akka gabaasichatti waggoota dhiyoo as siyaasaan beekkamtii olaanaa kan qabanii fi hojjeettoota mootummaa yakkaa malanmaltuummaan shakkaaman himatnii kan irratti banamee ta’us hanga ammatti murteen tokko itti hin kennamne.

Bara kana murtoon olaanaa itti kennamuu akka danda’u abdi akka qaban Abbaan Alangaa Nuraddiin Hajii, rakkoolee gama malamaltummaan jiran Preezedant Uuruu Keeniyaattaf beeksisuus dubbataniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.