Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti barataan tokko abbaa, haadha fi miseensota maatii isaa shan ajjeesuu himame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Barataan Yuunvarsiitii Keeniyaa haadha, abbaa fi miseensota maatii isaa biroo sadii walumatti shan ajjeesuu Poolisiitti hime.

Miidiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti dargaggoon ganna 22 Saayman Waruunge, abbaa, haadha, obboleessaa fi durbii isaa sibilaan erga dha’ee boodaa waraanee ajjeese.

 

Dabalataan hojjataa mana isaanii keessa ture ajjeesuu amaneera.

 

Barataan kun ajjeechaa hamaa kana dalaguuf kaka’umsa kan argate fiilmii Biriitish ‘Killing Eve’ jedhamu irraa akka ta’e Televiizhiiniin biyyattii ‘Citizen’ jedhamu poolisii wabeeffachuun gabaaseera.

 

Dargaggoon kun qorattootatti akka himetti obbolaan isaa dubaraa lamaan dabalatee hunda isaani ajjeesuuf kan karoorse ture ta’us, karoorri isaa oso hin milkaa’iin hafuutu ibsame.

 

Gaabsni poolisii akka agarsiisutti jalqaba hojjataa Jeems Kinyanjuyi jedhamu kan mana irraa meetira muurasa fagaate jiru ajjeese.

 

Sana booda harmee isaa Aani Wanjiku gola keessa turte ajjeese.

 

Achiis obboleessa isaa ganna 12 iyyaa harmee isaa dhaga’ee dhufe ajjeesse.

Shakkamaan kun boodarra abbaa isaa Nikoolas Waruunge kan haleellaa kana baqachuuf jecha fiigaa ture darbii manaa irraa utaalee ajjeesse.

 

Dhuma irratti durbii isaa ganna 13 siree jala dhokatee ture ajjeese.

 

Qoondaltoota poolisiiitti akka himeetti daa’imni kun jilbeeffattee adaraa nan hin ajjeesiin jedhe isa kadhatus haaduun waaranee isa ajjeese.

 

Warungee ajjeechaa kana raawwachuu isaa dura akkamiin ajjeechaa raawwachuu akka danda’u dursee interneetarraa qorachuu isaa poolisiitti himuu Citizen gabaaseera.

 

Yuunvarsiitii ‘Mount’ Keeniyaatti barataa IT wagga lammaaffaa kan ta’e Warungeen haaduu, wayyaa isaaa dhiigni itti faca’ee fi furtuu manaa tokko mana fincaanii uummataa keessati akka gatee gabaasni Citizen ni eera.

 

 

Akka gabaasa Citizen TV tti maatiin isaa akka isa jibbaniifi akka isa hamatan yaaduun isaa sababa ajjeechaa ta’uu dubbateera.

 

Harmeen isaa Keeniyaa keessatti narsii wal’aansa dhibee sammuu yoo taatu, abbaan isaa ammoo US keessatti narsii ta’ee kan hojjataa ture yoo ta’u ajjeefamuu isaan dura ayyanaa Dhaloota Kiristoosiif jecha gara biyyatti deebi’e.

 

Maddi:-BBC

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.