Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti dho’insa taankarri boba’aa muudateen namoonni 13 du’an

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Keeniyaatti dho’insa taankarii boba’aa Lixa biyyattiitti guyyaa kaleessaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 13 lubbuusaanii dhabuu ibsameera.
Lixa biyyattii Kisumuu fi Busiyaa jidduu daandii konkolaataan itti baayyatu irratti balaan kun kan mudachuu himameera.
Daa’imman dabalate namoonni 11 ta’an haala cimaan ibiddaan erga miidhamaniin booda Hospitaalaatti yaallammaa jiru jedhame.
Baraartoonni iddoo balaan ibiddaa mudate Kaawuntii Siyaa Magaalaa Maalaangaa ga’uuf sa’aatii lama kan itti fudhachuu ibsameera.
Iddoon balaan kun itti muudate magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii irraa fageenya kilomeetara 315tti argama jedhame.
Konkolaataan aannan fe’ee Busiyaa kan dhiheenya daangaa Yugaandaatti argamtu irraa gara Kisumuutti adeemaa ture konkolaataa boba’aa fe’ee kallattii biraa irra dhufaa jiru waliin walitti bu’uun balaa kana uumuu poolisiin biyyattii beeksiiseera.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.