Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti miseensota maatii tokkoo 48 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Keeniyaatti miseensota maatii tokkoo 48 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
 
Miseensoota maatii kanaa keessa nama tokko qofatu seenaa imala qaba jedhame.
 
Maanguddoo umrii waggaa 80 tokko dabalatee miseensonni maatii hundi vaayrasii kanaan qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiseera.
 
Miseensota maatii kanaa keessa namni umrii waggaa 61 sa’aatii 24 keessatti lubbuun darbuu himameera.
 
Keeniyaatti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman 23,873 keessaa lubbuun namoota 391 darbeera.
 
Maddi:- Daily nation fi the standard
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.