Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti shamarreen umrii waggaa 12 baatii tokkotti dhiirota lamatti heerumte

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Keeniyaatti shamarreen umriin waggaa 12 baatii tokko keessatti dhiiroota lamatti heerumte.
Abbaan shamarree tanaa intalli isaanii jaarsa umrii waggaa 51’tti akka heerumtuuf dirqisiisuu isaanii himameera.
 
 
Shamarreen tun bakka itti heerumsiisanii miliqxee baatus, dhiira biraa kan waggaa 35’tti heerumsiisaniiru.
 
Heeruma ishee lammaffaan booda odeeffannoon kun qaamoolee mirgoota daa’immaniitiif falmanii fi qondaaltoota mootummaa bira qaqqabe.
 
Akka seera biyya Keeniyaatti nama umrii waggaa 18 gadii fuudhuus ta’ee itti heerumuun yakka.
 
Namni mirgoota daa’immaniif falmu tokko akka jedheetti,
abbaan ishee dirqiin akka jaarsatti heerumtu taasisaniiru jedhan.
 
Isheenis tole jettee heerumuun alatti carraa biraa hinqabdu turte jedhan.
 
Sababa hiyyummaa fi weerara vaayrasii koroonaan manneen barnootaa cufamuunsaa umrii malee heerumsiisuun akka baayy’atu taasiseera jedhame
.
Keeniyaatti maatiin wayita ijoollee durbaa heerumsiisan kennaa loon lama ykn sadii argatu.
 
Kun ammoo shammarraan umrii malee akka heerumsiisan gumaacha olaanaa taasiseera jedhame.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.